Sadarkaa abbummaa Ulaa Galaanaa keenya mirkaneeffachuu dandeenyurra jirra-Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC) – Sadarkaa abbummaa Ulaa Galaanaa keenya mirkaneeffachuu dandeenyu
rra jirra jedhan itamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa Itiyophiyaa 118ffaan Mana Barumsaa Leenjii Humna Galaanatti kabajamaa jira.

Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa wayita kana ergaa dabarsaniin diinonni biyyi keenya qabeenya uumamaa isheetti akka hin fayyadamne barbaadan jiru jedhan.

Daba diinota kanaan Itiyoophiyaan wal dhabdee keessoo irratti xiyyeeffachuun barootaaf huyyummaa fi boodatti hafummaa keessa turuuf dirqamteetti jedhan.

Gootummaa Raayyaa keenyaan, deggersa uummataati hoggansa bilchaataa hoggantoota keenyaan dabni isaanii ciccituun gara misoomaa fi nageenyaatti ce’aa jirras jedhan.

Amma irratti daba diinota keenyaa fi humnoota ergamtoota isaanii fashaleessuun daandii misoomaa, nagaa fi olka’insaa eegallee jira jechuun ibsan.

Humnoonni Itiyophiyaa digni barbaadan diigamanii humni waliigala biyyaa fi dhaabbilee dabalaa dhufuu hubachisaniiru.

Itiyoophiyaan walabummaa fi olaantummaan ishee gara dhalootaatti akka ce’uuf aarsaa hedduu kaffaluu ishee yaadachiisaniiru.

Waggoota 30 darban rafneerra, amma garuu akka biyyaatti akka hinrafneef dammaqneerra kan jedhan Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa, gaaffii jiraachuu biyya keenyaa kan ta’e nageenya, misooma fi fayyadamummaa ulaa galaanaa keenya ni milkeessina jechuun hubachiisaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuun haala nageenyaa fi abbummaa ulaa galaanaa keenya mirkaneessuu dandeenyu irra geenyeerra jechuu isaanii Miidiyaan onlaayinii Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment