Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Sadarkaa biyyaatti fedhii fi dhiyeessii oomishaa walmadaalsisuun dhimma xiyyeeffannoo gaafatuudha jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Paartiin Badhaadhinaa raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2018 gamaaggamaa jira.
Carraa hojii uumuu, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gargaarramtummaa hambisuuf hojiileen hojjetamaan xiyyeeffannoo marichaati.
Dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu,fedhii fi dhiyeessa oomishaalee walmadaalsisuu dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu eeran obbo Adam Faaraahi gamaaggamicharratti haasawa taasisan.
Gabaawwan Sambataa fi Dilbataa caalmaatti babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisan.
Lammiilee harka qalleeyyii dhiyeessiin mana jireenyaa eegalee fi sagantaan nyaata barattootaas cimee itti fufuu qaba jedhan.
Gargaarramtummaa jalaa bahuun jijjiirramni biyyaalessaa akka milkaa’u ajandicha of eeggannoon dursuun hirmaannaa olaanaa kan barbaadu ta’uus eeruu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.