Sagalee dubartootaa biyya ijaaruu keessatti gahee guddaa qabu…

Finfinnee, Bitootessa 8,2018(GMC) -Godina Gujiitti dubartootni galmaa’anii kaardii filannoo fudhatan sagaleen keenya biyya ijaaru keessatti gahee guddaa qabdi jedhan.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf sadarkaa biyyaatti kutaaleen hawaasaa umuriin isaanii waggaa 18 ol ta’e Kaardii filannoo fudhachuun Paartii biyya ceesisuu fi nageenya mirkaneessuu danda’a jedhan filachuuf qophaa’aa jiru.

Dubartoonni godina Gujii adeemsa galmee filattootaa irratti hirmaachuun galmaa’aa turanis, nuti dubartoonni galmoofnee Kaardii fudhachuun paartii siyaasaa nuuf ta’a jennuu filachuuf qophoofnee jirra jedhan.

Filannichi dimookraatawaa, haqa qabeessaa fi karaa bilisaa ta’een akka gaggeeffamuuf gaheen hundi keenyaa baanu murteessaadhas jechuun hubachiisan.

Dubartootni nagaa mirkanaa’e keessatti fayyadamtoota ta’uu yaadachiisanii, nageenyi waaraa mirkanaa’ee fayyadamummaan isaanii akka dhugoomuuf Kaardii filannoo yeroon fudhachuun sagalee kennuuf of qopheessuu akka qabanis dhaamanii jiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment