Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) -Sagantaa guddina ijoollummaa duraa bu’ura ijaarsa biyyaa godhannee xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Faawundeeshiniin Loogoo gama Inisheetiviin Akses Heelzii Kiliintaniin meeshaalee kalaqa fi dandeettii yaaduu daa’immanii dabalan bulchiinsa magaalichaaf gumaacheera.
Magaalaa Finfinneetti Sagantaa guddina ijoollummaa duraa bu’ura ijaarsa biyyaa godhannee xiyyeeffannoon hojjetachaa jirra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Sagantichaan dagaagina ogummaa, kalaqaa, naannawaa seeraan hubachiisuu, qormaatileef dursa furmaata waaraa kennuu, dhaloota cimaa fi jaalala biyyaa qabu horachuuf hojjetamaa akka jiru.
Sagantichi erga eegalee yeroo gabaabaa ta’us bu’aa olaanaa galmeessaa jiru hubachuun biyyoonni hedduun deeggaraa fi tumsaa jiraachuu eeran.