Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa madaala uumamaa eeguun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf mala tokko jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan.
Obbo Awwal Aarbaan Aanaa Dubtiitti sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisa eegalchiisan.
Biqiltuuwwan nyaataaf oolaan heddumminaan dhaabbachuun wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan.
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf misooma ashaaraa magariisaa bal’inaan raawwachuun murteessaa ta’uu kaasan.
Naannichatti bara kana lafa hektaara kuma 5 fi 400 olirratti biqiltuu dhaabuuf kan hojjetamu ta’uu eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.