Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegumsa naannorra darbee fayyadamummaa lammiilee fooyyessaa jira jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Sagantichi Piroojektii dandamannaa Diinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuudha jedhan Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa dhaabbii biqiltuu har’a Piroojektii Qarqara Laga Gulalleetti gaggeeffamerratti argamuun haasawa taasisaniin.
Uwwisni Bosonaa Magaalaa Finfinnee % 2.8 ture sagantaa Ashaariisaa baroota darban hojjetamaniin gara % 22tti ol guddachuu dubbatan.
Kunis bu’aa qabataamaa kan argisiiseedha jedhan.
Sagantaa kanaan kuduraalee fi muduraaleen bal’inaan dhaabbatan fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.