Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee Itiyoophiyaaf gumaachaa jira – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee Adoolessa 24, 2017 (FMC) Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee Itiyoophiyaaf gumaachaa jira jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Ashaaraa Magariisaa irratti Magaalaa Jigjigaatti argamuun Ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Wayituma kana akka jedhanitti sosochiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa erga eegalamee kaasee waggoottan torban darabanitti biqiloonni dinagdee Itiyoophiyaa gumaachan adda addaa dhaabamaa turaniiru.

Daldalaa Alaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa kanqaban kanneen akka bunaa fi Avokaadoo bal’inaan dhaabamuu ibsaniiru.

Dinagdeen Itiyoophiyaa bara 20125tti guddina guddaa argisiiseera kan jedhan obbo Tamasgeen, Ashaaraan magariisni guddina dinagdee biyyattiif gumaachuu eeraniiru.

Bakki biqiltuu itti dhaabnis naannoo Somaalee hanqina roobaan rakkatu ta’uu eeranii, biqiloonni sagantaa dhaabbii guyyaa tokkoon dhaabaman haala qilleensa naannichaa jijiiruuf ga’ee guddaa qabu jedhaniiru.

Naannoo horsiisee bulaa kan ta’e naannichi jijjiiramaa asi oomishni qonnaa guddaan kan itti mul’atu ta’uu kaasanii, sagantaan Ashaaraa Magariisaa himna oomishtummaa naannichaa caalmaatti ni jabeessa jedhan

Sagantaan dhaabbii guyyaa tokkoo biqiloota miliyoona 700 guutummaa biyyattiitti geggeeffamaa akka jiran eeranii uummanni biyyattii hundi saganticha irratti akka hirmaatu ehaamsa dabarsaniiru.

Mikiyaas Ayyalaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment