Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) –Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina gama maraa Itiyoophiyaa waaressa jedhan.
Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Waajjira Mana Marichaafi hojjettoonni waajjirichaa duula dhaabbii biqiltuun guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabaniiru.
Dooktar Tasfaayee Baljigeen wayita kana akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee hunda galeessa Itiyoophiyaa kan waaressudha.
Sagantichi eegumsa naannoofi wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti bu’aa jajjabeessaa argamsiisuus ibsaniiru.
Jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessattis gahee isaa bahachaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaafi addunyaaf hojii muuxannoo ta’u hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.