Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa hundaaf fakkeenya ta’a – Pirezidaantii Itti aanaa Naayijeeriyaa

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa jijjiirama qilleensaaf deebii gocha irratti hundaa’e kennuu keessatti biyyoota hundaaf fakkeenya ta’uu preezdaantii itti aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Shettimaan ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadis jeshan, karoora Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa milkeessuu isaaniin fakkeenya hoggansa ammayyaa ti.
Sirna eegalchiisa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa mata duree “Dhaabuudhaan Bayyaannachuu” jedhuun gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Ityoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf gumaacha olaanaa qabu hojiirra oolchuun bu’aa galmeessaa jirtus dinqisiifataniiru.

Balaa guddaa fidaa kan jiru jijjiiramni qilleensaa dhimma waloo tarkaanfii qabatamaa barbaadu ta’uu kan ibsan Kaashiim Shettimaan
gama kanaan Ityoophiyaan rakkoo mudateef deebii gochaan deggerame kennuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjattee jirti jedhan.

Kunis mul’ataa fi kutannoo Itoophiyaa kan agarsiisu ta’uu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment