Sagantaan Dorgommii Bareedduu Tuuriizimii Oromiyaa 5ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Sagantaan Dorgommii Bareedduu Tuuriizimii Oromiyaa 5ffaan Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira.

Saganticha Komiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa kan qopheesse yoo ta ‘u, qaamolee qabeenya Tuuriizimii Oromiyaa beeksisuuf hojjetaa turaniifis beekamtiin ni kennama.

Akkasumas, sagantaa kanarratti Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Tuuriizimii Salamaawit Kaasaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa, keessummoonniifi qooda fudhattoonni turiizimii garaagaraa saganticharratti argamaniiru.

Sadarkaa biyyaattis qabeenya tuuriizimii dilbii jiru addunyaatti beeksisuun, Itiyoophiyaa ceesisuuf hojjetamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment