Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa Magaalaa Finfinnee gaggeeffame xumurame – Poolisii

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) –  Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa marsaa 6ffaan Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame milkiin xumure jedhe Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee.

Durreewwan Amantaa, Hoggantoonni mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonnii fi hordoftoonni Amnataa Islaamaa saganticharratti argamaniiru.

Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan,Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi milkiin xumuramuun daandileen cufamanii turan tajaajila Tiraafikaaf banaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.

Sagantaan mata duree ‘Najjaashii Biyyaaf’ jedhuun gaggeeffame kun milkiin akka xumuramu qaamolee qooda qaban hunda galateeffateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment