Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Itiyoophiyaatti maddisiisa humna niwukilaraa ijaaruuf waliigalteen Dhaabbata Giisii Roosaat waliin mallatteeffame hariiroo Itiyoo-Raashiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisa jedhan.
Raashiyaatti daawwannaa hojiirra kan jiran Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gitasaanii Raashiyaa Sargee Laavroov waliin erga mari’ataniin booda ibsa waloo kennaniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsichaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaafi Raashiyaan hariiroo cimaa qabu.
Itiyoophiyaatti maddisiisa humna niwukilaraa ijaaruuf waliigalteen mallattaa’uu kaasanii, waliigalteen gara ijaarsaatti galuuf dandeessisu Jiisii Roosaat waliin mallattaa’eera jedhan.
Waliigalteen kun hariiroo biyyoota lameenii gara boqonnaa haaraatti ceesisuus eeran.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa dhiyeenya Mooskootti taasisaniin pirezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuu yaadachiisanii, marichi hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lameenii kan cimse ta’uu dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov gama isaaniin, dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii irratti mari’achuu ibsuun, daawwannaan Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos taasisan hariiroo biyyoota lameenii kan jabeessu ta’uu kaasaniiru.
Tumsa gam-lamee fi dam-hedduu irratti qaban kan cimsan ta’uus mirkaneessaniiru.
Abeel Nawaayiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.