Sagantaan Maaddii Guutuu nyaatan of danda’uu fi dhiyeessa nyaata madaallawaaf murteessadha – Waajjira Ministira Muummee

Finfinnee,Mudde 9, 2017 (FMC) – Sagantaan Maaddii Guutuu nyaatan of danda’uu fi dhiyeessa nyaata madaallawaa sadarkaa biyyaatti mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu Waajjirri Ministira Muummee FDRI beeksiise.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sagantaa Maaddii Guutuu bara 2015 eegalchiisuun kan yaadatamuudha.
Sagantichi karoora waggaa 4 yoo ta’uu, oomisha Aannanii, Killee, Dammaa, Horsiisa Lukkuu, Kanniisaa, Qurxummii fi kanneen biroo guddisuurratti xiyyeeffata.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment