Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa Dammaa dabaluurratti gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti sagantaaleen oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessan bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahiin ibsan.

Guyyaan Kanniisa addunyaa 2ffaan mata duree ‘Kanniisa haa eegnu’ jedhuun magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira.

Itiyoophiyaatti sagantaalee wabii nyaataa mirkaneessanii fi oomishtummaa guddisan hojiirra oolaa jiraachuu obbo Adam Faarahin saganticharratti dubbataniiru.

Sagantaan Maaddii Guutuu kallattii ijoo ta’ee hojjetamaa jiraachuu kaasuun, Kanniisa horsiisuu fi oomisha Dammaa guddisuuf gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiru eeraniiru.

Naannawaa kunuunsuun nageenya Kanniisaa eeguun oomishtummaa Dammaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen dubbataniiru.

Baatiwwan saglan darban keessa Gaagura ammaayyaa miiliyoona 2.2 raabsuun Damma Toonii kuma 200 fi kuma 50 oomishuun danda’amuu himaniiru.

Abeeneezar Taayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment