Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC)- Seenaan Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa baroottan kan lakkoofsisedha jedhan Gorsaan Loltummaa Itaamaajoorshuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa RDFIfi Hogganaan hoggansa dhukaasa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Alam’isheet Daggafeen.
Guyyaan Raayyaa Ittisaa 119ffaan mata duree “ Raayyaa Injifannoo” jedhuun guyyaa har’aa kabajamaa jira.
Jeneraal Alam’isheet Daggifee wayita kana, birmadummaan uummata keenyaa kan tursiifame tokkummaa isaa eeguun humnoota alarraa ka’an waltumsuun waan hunkuteesseefidha jedhan.
Guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa wayita kabajnu guyyaa ijaarsa raayyaa ittisaa ammayyaaf bu’uurri kaa’ame yaadachuuf jechuun ibsaniiru.
Raayyichi Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf wareegama guddaa kaffaluu kaasanii, yeroo tokko tokko diinota alaan yeroo tokko tokko immoo humnoota finxaaleyyii biyya keessaan yaaddoon bittinnaa’uu isa mudatee akka ture eeraniiru.
Erga mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufee booda raayyaan dhaloota duraaniifi raayyaan yeroo ammaa Itiyoophiyaa eeguuf gatiin kaffalan qixa ilaalamuu akka qabu murteessuu ibsaniiru.
Guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa raayyaan ittisaa bakka jiru hundatti akka kabaju ibsaniiru.
Malkaam Fiqaaduun.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa