Seenessa waloo cimsuuf ijaarsa eenyummaa waloorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha- Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) –Ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshinii seenessa waloo cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechuutu irraa eegama jedhan Itti gaafataman Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.

Hoggantootaafi ogeeyyii miidiyaafi kominikeeshinii naannoo Affaariif mata duree ‘bara dhugaan boodaa, dhugaa fi beekumsaan’ jedhuun leenjiin kennamaa jira.

Waggoottan jijjiiramaa torban darbanitti seenessa waloo cimsuufi  eenyummaawwan waloo irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa turuu Dooktar Biqilaan yaadachiisaniiru.

Gama Kanaan imala tokkummaa sabdaneessaaf bu’uurri kaa’amuu kaasanii, bara dhugaan boodaa keessatti dhimmoota obbolummaa cimsan irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshinii bu’aalee waggoottan jijjiiramaa keessatti argaman cimsanii itti fufsiisuu akka qaban ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment