Seenessa waloo fi tokkummaa sabdaneessaa ijaaruuf Misooma Afaanii irratti hojjechuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Ebla 28, 2017 (FMC) – Seenessa waloo fi tokkummaa sabdaneessaa ijaaruuf Misooma Afaanii irratti hojjechuun akka  barbaachisu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise.

“Misoomni afaan-hedduu, Waliigaltee biyyaalessaaf” yaada jedhuun  qooda fudhattoonni adda addaa Adaamaatti mari’ataniiru.

Waltajjichi hojiirra oolmaa  imaammata afaanii mirgootaa fi qajeeltoowwan heera mootummaa hordofee  heddummina  afaanii fi aadaa misoomsuuf qophaa’e si’eessuu irratti akka xiyyeeffate himameera.

Ministirri Aaadaa fi Tuurizimii Shawiit Shaankaa wayita kana akka ibsanitti, gama Afaan, aadaa fi beekumsa hawaasummaa  uummatichaa eeguu fi kunuunsuun hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.

Aad-hedduu saboota, sablammootaa fi uummattotaa dhalootatti dabarsuuf, seenessa waloo babal’isuu fi obbolummaa sabdaneessa ijaaruuf misooma Afaanii irratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisus hubachiisan.

Afaanotni ‘shan’ afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’aniif adeemsi eegalame cimee itti fufuus kaasanii, hanga ammaatti qajeelfamni hojiirra oolmaa afaanota kanneenii qophaa’uus dubbataniiru.

Imaammata afaan-hedduu hojiirra oolchuufis qajeelfamni naamusaa itti fayyadama Afaanii miidiyaalee, tarsiimoon afaan mallattoo  fi qajeelfamni mirkaneessa ga’umsa ogummaa  afaan hiikuu qophaa’uun milkaai’na gudddaa ta’uu himaniiru.

Kana milkeessuufis Ministeerichi qooda fudhattoota tumsaan kan deeggeru ta’uu hubachiisan.

Adeemsa hojiirra oolmaa imaammata afaanii kana ariifachiisuufis qajeelfamni hojiirra oolmaa Afaanota shananii qophaa’e waltajjicha irratti eebbifamuun eerameera.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment