Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Konfiraansiin seenessa waloo biyyaalessaa cimsuu irratti xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Konfiraansicha Naannoo Oromiyaa, Ministeera Nageenyaa, Yuunivarsiitii Jimmaa, Bulchiinsa Magaalaa Jimmaafi Godina Jimmaatu waloon qopheesse.
Biyya jabduufi sodaatamtuu waan hundaan badhaate hundaan, hundaafi hundarraa ijaaruun fayyadamummaa hawaasaa qixa barbaadameen mirkaneessuuf seenessi waloo humna guddaa qaba jedhame waltajjichaan.
Seenessa qeenxee baroota hedduuf qormaata bu’uuraa biyyatti ture injifachuun seenessa waloon biyya hundarraa hundaaf taatu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ka’eera.
Kanaanis Mootummaan barii jijjiiramaa irraa eegalee hojii hojjechaa jiruun aadaa, duudhaa, safuufi seenaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaatti kabaja horuun eenyummaa dhugaa walooma uummatichaaf utubaa ta’e ijaaraa jira jedhame.
Seenessa siyaasaa qofa osoo hin taane seenessa hawaas-diinagdee cimsuu danda’u, madaala kan eege, Itiyoophiyaa jabduu ijaaru, tokkummaafi hariiroo saboota cimsuu danda’u ijaaramuu akka qabu ibsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.