Finfinnee, Amajji 5, 2018 (FMC) – Seenessi waloo bu’uura Mootummaa cimaafi biyya jabduu ijaaruuti jedhan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.
Obbo Kaffaaloon, cabinsi hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee biyyaa kan ittiin sirratu keessaa tokko seenessa waloo ta’uu konfiraansii seenessa waloo biyyoolessaa bocuuf Magaalaa Jimmaatti geggeeffamaa ture irratti yaada kennaniin ibsaniiru.
Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa waloomaafi tokkummaa uummataa cimsuun abdii egeree kan ijaaru ta’uu himanii, seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa biyya keenyaaf gufuu waan ta’eef seenessa waloo ijaaruun bu’uura Mootummaa cimaafi biyya jabduu ijaaruu akka ta’e kaasaniiru.
Itoophiyaatti ijaarsi seenessa waloo cabinsa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa suphuun waloomaafi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uus ibsan.
Mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaafi xiyyeeffannoon itti kenname hojjetamaa jiru ta’uu kaasuun, seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru.
Seenessi Waloo seenaa uummanni biyyattii qabu dhaloota egereetti dabarsuu keessatti qooda guddaa qabaachuu himuun, seenessi waloo akka hojiirra ooluuf mootummaan halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii Odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromoo:www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna,