Sektara qonnaaf xiyyeeffannoo qabeenyaa, kutannoo siyaasaafi ogummaan deeggarame kennamuun hojjatamaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Sektara qonnaaf xiyyeeffannoo qabeenyaa, kutannoo siyaasaafi ogummaan deeggarame kennamuun hojjatamaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Mootummaan Jijjiiramaa, ce’uumsa qonnaa mirkaneessuuf, tarkaanfiilee adda fudhachaa jira; Kanniin keessaa tokko inisheetivii misooma qamadii boneeti jedhan.

Inisheetiviin kun, carraalee biyyee gabbataa, qilleensa mijaawaafi qabeenya bishaanii naannoon keenya qabu mekaanaayizeeshiniifi jallisiin walsimsiifamee hojiirra jira. Raawwiilee hanga ammaatti raawwatamaniinis, jijjiiramoonni abdii ta’u danda’an galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis, fedhii gabaa qamadii olka’aa ture guutuun al-galchii hambisuu, sochii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu fooyyessuufi dargaggoota hedduuf carraa hojii baldhaa umuun akka danda’ame kaasan.

Akkasumas, indastrii biyya keessaaf galtee qamadii sadarkaa isaa eeggate dhiyeessuun danda’amuu eeran.

Hojiilee waggoottan darban gama kanaan raawwatameen, qonni qamadii jallisii lafa hinturree ka’ee yeroo ammaa gara qonna idileetti ce’aa jira jechuun, bara omishaa 2011 qamadii jallisii lafa hekt. kuma 7 irratti jalqabuun bara 2017 hektaarri miiliyoona 3 fi kuma 200’n gahuun danda’amuu ibsaniiru.

Bara 2017, callaan kuntala miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 34 ol argamuu yaadachiisaniiru.

Bara omishaa 2018’tis, lafa hektaara miiliyoona 4 ol irratti qamadii bonee misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 63 ol argachuuf karoorri qabamee hojjatamaa jira jedhan.

Kunis, haala sirnakkoofi qilleensa baramaa naannoo keenyaa waliin kan hojiirra oolu ta’a. Hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 400 fi kuma 93’fi 156 kan qophaa’e yoo ta’u, lafa hektaara kuma 200 fi kuma 38’ fi 336 irratti ammaa facaasan qamadii raawwatamee kunuunfamaa jira jedhan.

Sochiin inisheetivii misooma qamadii bonee kun daandii milkaa’inaa qabatus caalmaatti sirneessuufi ittifufiinsaan idiloomsun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Bu’uuruma kanaan, caasaafi hoggansi mootummaa sadarkaan jiru dhimmoota sadi irratti fuulleffachuu qaba jedhan.

Dursoorratti, inisheetiviin qamadii bonee idilaa’ee ofiin akka socho’uuf giddu-sentuummaan (intervention) mootummaa tarsiima’aa ta’u qabaachuu hubachiisan.

Lammeessoo, milkaa’ina karoorafi raawwii hanga ammaa jiru, dilbii qabnu kan giddugaleeffatee waan hintaanef, carraa gama lafaa, bishaaniifi humna namaan qabnu, beekumsaafi tekinoolojiin dabaaluun dilbii Oromiyaa gahumsa olaanaan duguugnee akka fayyadamnuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoon sochoosuu qaba jechuun ibsaniiru.

Sadeessoo, garaagarummaa oomishtummaa baldhaa keenyaafi idil-addunyaa gidduu jiru dhiphisuu irratti ariitiin hojjechuu barbaachisa. Milkaa’ina isaatifis, aadaa hojii baraamaafi mala qonna keenya hundeerraa jijjiiruun ammayyeessuu, makanayizeshiniifi teknoolojii jallisii haaraa baldhinaan madaqsaa deemuun murteessadha jedhan.

Kunis dorgomummaa sadarkaa idil-addunyaatti qabnu cimsuun fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf humna jabaa ta’uu eeran.

Dabalataanis, bulchiinsa bishaanii, eegumsa biyyee, tamsa’ina ogummaa, dhiyeessii paampii, sanyii filatamaa, callaa guddistuu, tajaajila eksitenshiniifi ijaarsafi suphaa iskiimota jallisii irratti baldhinaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa hojii misooma qamadii bonee irratti raawwateen bu’aaleen gurguddoon galmaa’aniiru.

Haata’u malee, galmoota gurguddoo qabaman, dilbiiwwan naannoon Oromiyaa qabu (qilleensa mijaataa, biyyee gabbataa, qabeenya bishaaniifi humna namaafi beeyladaa) akkasumas fedhii misoomaa ummata keenyaa waliin walbiratti yemuu ilaallu hojii guddaatu hafa. Kanaaf, humnoota misoomaa kanneen walsimsiisuun, dilbiiwwan naannichi qabu misoomsuun badhaadhina bu’uuressuuf, caalmaatti cichoominaan kan hojjatu ta’a jedhan.

Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa odeeffanne.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment