Finfinnee, Adoolessa 11, 2017 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umrii waggaa 18 fi 20 gadii Naayijeeriyaatti gaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Nahaasii dabalataa argatte.
Dorgommii meetira 400’n har’a dubartoota gidduutti dorgomameen Atileet Baanchaalem Biikis 3ffaa bahuun Meedaaliyaa Nahaasiii Itiyoophiyaaf argamsiifteerti.
Oolmaa guyyaa 3ffaa shaampiyoonichaan har’a halkan sa’aatii 2:20 eegalee fiigichi xumuraa meetira kuma 3 Atileetoota dhiirooraa gidduutti dorgomamu ni eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.