Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 55ffaan Bitootessa 15 – 20, 2018 gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 55ffaan Bitootessa 15 – 20, 2018 Istaadiyeemii Aday Ababaatti gaggeeffama jedhe Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa.

Shaampiyoonichi yeroo jalqabaaf maashina sa’aatii galmeessuun deeggaramuun kan gaggeeffamu ta’uu ibseera

Naannolee 9 fi bulchiinsa magaalotaa dabalatee kilaboota 36 irraa kan walitti babba’an Atileetoonni kumni 1 ol shaampiyoonicharratti ni hirmaatu.

Leewwii Ballaxaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment