Finfinnee, Caamsaa 18, 2017 (FMC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 4ffaan waggaa 18 gadii fi 13ffaan waggaa 20 gadii Magaalaa Dirre Dhawaatti eegalameera.
Atileetoonni naannolee 8, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirre Dhawaa, akkasumas kilabootaa fi dhaabbileerraa walitti babba’an ni hirmaatu jedhame.
Kaayyoon dorgommichaa Atileetoota ciccimoo horachuu fi shaampiyoonaa Atileetiksiii Afrikaa waggaa 18 fi 20 gadii Naayijeeriyaatti gaggeeffamuu Itiyoophiyaa bakka bu’an filachuuf ta’uu Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihiin ibsaniiru.
Dorgommichi fiigicha dabalatee falmiiwwan garaagaraan dirreerratti Koorniyaa lamaaninuu kan gaggeeffamu yoo ta’u, Atileetoonni kumni 1 fi 100 irratti hirmaatu jedhan.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia