Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2017 (FMC) – Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan guyyoottan 15 darbaniif magaalaa Ambootti gaggeeffamaa ture olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurameera.

Taphichi gosoota Ispoortii 24’n magaalota 22fi godinaalee 21 irra ispoorteessitoota kuma 8 fi 500 hirmaachisuun geggeeffamaa tureera.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Meedaaliyaa Warqee 84, Meetii 81 fi Nahasii 57, waliigalaan meedaaliyaa 222 fi Waancaa 28 argachuun olaantummaan xumureera.

Adaamaa fi Bishooftuun ammoo walduraa duubaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Shaampiyoonichi damee hedduun kaayyoo barbaadame milkeessuu Daayrekterri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii naannoo Oromiyaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Dorgommichi Ispoorteessitoota ciccimoo naannicha bakka bu’an horachuurra darbee dargaggoonni hedduun Kilaboota garaagaraa keessa akka galaniif carraa olaanaa uumuu kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment