Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 6ffaan har’as itti fufuun taphatamu.
Har’a halkan sa’aatii 5:00 morkiin Riyaal Maadriidii fi Maanchister Siitii gidduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo argateera.
Waltajjii hundaan taphoota torba as dhiyeenya taphateen lama qofa injifatee, lama ammoo injifatamee sadi qixa kan xumure Maadriid har’as qormaata guddaatu isa eeggata.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kana taphate shan keessaa 4 injifachuun 1 injifatameera.
Maanchister Siitiin ammoo taphoota sadi as dhiyeenya taphate hunda injifachuun hamilee gaarirratti argama.
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa shan taphate keessaa 3 injifachuun tokko injifatamuun 1 ammoo injifatameera.
Kilaboonni lamaan taphoota Shaampiyoonsi Liigii shan waliin taphatan keessaa Maadriid 2 yoo injifatu, Siitiin 1 injifachuun lama qixa bahaniiru.
Taphoota biroon Biruuji – Arsenaal , Atileetikoo Bilbaa’oo – PSG, Doortimundi – Boodoo Giliimti, Baayerni Liiverkuusan – Niwuukaasiil, Beeneefikaan – Naappoolii, akkasuma Juuveentus – Paafoos waliin taphatu.
Taphoota kanneen dursee galgala sa’aatii 2:45 jalqabee Viiyaariyaal – Kooppan Hangan, Kaaraabaag – Ajax waliin taphatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.