Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan morkii Cheelsiin Baarseloonaa waliin taasisu…

Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 5ffaan har’aa eegaluun taphatamu.

Taphoonni marsaa 5ffaa kunneen har’a halkan sa’aatii 2:45 jalqabee Ayaaks Amistardaam – Beeneefikaa, Galaataasaraay ammoo Inniyoon senti Giloosee waliin falmii taasisaniin eegalama.

Halkan sa’aatii 5:00 eegalee morkiin Cheelsiin Baarseloonaa waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota 17 waliin taphatan keessaa Cheelsiin yeroo 5 yoo injifatu, Baarseloonaan si’a 6 injifachuun yeroo 6 ammoo qabxii qoodataniiru.

Baarseloonaan yeroo dhihoo as gara Landan imalee milkaa’ee hin beeku.

Taphoota biroon Boodoo Giliimt – Juuveentus, Boorishiyaa Doortimandi – Viiyaariyaal, Maanchiister Siitiin Baayerliivarkuusan, Maarseey – Niwuukaasiil, Naappoolii – Qaaraabaag, akkasuma Islaaviyaa Piraag – Atileetikoo Biilbaa’oo waliin taphatu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment