Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taphoota marsaa 5ffaan har’a taphoonni 9 ni taphatamu.
Har’a galgala sa’aatii 2:45 eegalee Sabah FK – Baarseloonaa, Islaaviyaa Piraagi ammoo Vilaariyaal waliin taphatu.
Halkan sa’aatii 5:00 eegalee falmiin PSG’n Roomaa waliin taasisu ni eegama.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Atileetikoo Maadriid – Viking, Kilab Biruuji – Liiverpuul, Intermiilaan – Istuutgaarti, Liil- Baayerni Muunik, Shaakaatar Dooneksiin – Feenarbaachee, akkasuma Ispoortiing – Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphatu.