Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a PSGn Arsenaal keessummeessu ni eegama

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) –Tapha deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a PSGn Arsenaal keessummeessu ni eegama.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee falmiin kilaboota lamaan gidduutti xumuraaf darbuuf taasifamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Tapha marsaa jalqabaan PSGn galchii 1 fi 0n Arsenaal injifachuun kan yaadatamuudha.
Tapha deebii walakkaa xumuraa eda taphatameen Inter Miilaan Baarseloonaa injifachuun xumuraaf gahuu mirkaneeffateera.
Taphni xumuraa torbee sadi booda Istaadiyeemii Baayerni Muuniik Aliyaanzi Areenaatti taphatama.
Comments (0)
Add Comment