Finfinnee, Onkololeessa 12, 2018(FMC) –Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 3ffaan taphni har’a Riyaal Maadriid Juuveentuus keessummeessu ni eegama.
Taphoota marsaa 3ffaa guyyaa 2ffaan har’a galgala sa’aatii 1:45 jalqabee Atileetik Kilab – Karaabaag, Galaataasaaraay – Giliimti waliin taphatu.
Halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee taphni Riyaal Maadriid Juuveentuus keessummeessu ni eegama.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 21 keessaa Maadriid yeroo 10 yoo injifatu, Juuveentus yeroo 9 injifachuun si’a 2 ammoo qabxii qooddatiiru.
Taphni shaampiyoonaan yeroo 15 Maadriid shaampiyoonaa yeroo 2 Juuveentus waliin taasisu kun xiyyeeffannoo argateera.
Taphoota biroon Atalaantaan – Islaaviyaa Praag, Baayerni Muunik – Biruuj, Cheelsii – Ajax, Firaankifarti – Liiverpuul, Moonaakoo – Tootenhaam, Ispoortiing – Maarsee waliin taphatu.
Taphoota eda taphatamaniin Arsenaal galchii 4 fi 0’n Atileetikoo Maadriid, PSG galchii 7 fi 2’n Baayer Leeverkuusan, Doortumand galchii 4 fi 2’n Kooppan Hangan, PSV galchii 6 fi 2’n Naappoolii, Niwuukaasiil galchii 3 fi 0’n Beenifikaa , Maachiister Siitiin galchii 2 fi 0’n Viilaariyaal injifachuun kan yaadatamuudha.
Taphoota eda taphataman 9 irratti galiiwwan 43 galaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.