Shaggaritti Piroojektoota garaagaraa ijaaramaa jiran 347 keessaa 244 xumuraman

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) – Shaggaritti Piroojektoota buleeyyii, haaraa fi suphaan hojjetamaa jiran 347 keessaa hanga ammaatti Piroojektoonni 244 xumuramuu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Piroojektoonni kunneen sadarkaa kutaa magaalootaa fi Magaalaatti kan hojjetaman ta’uu Itti Aantuu Hojii Gaggeessituun Mana Qopheessaa Magaalaa Shaggar Injiinar Nabiilaa Olii ibsaniiru.

Piroojektoota buleeyyii 70 Birrii biiliyoona 16 fi miiliyoona 500 fi miiliyoona 85 oliin hojjetamaa jiran keessaa hanga ammaatti 43 xumuramuu himaniiru.

Piroojektoota haaraa 239 Birrii Biiliyoona 16 fi miiliyoona 500 fi miiliyoona 39 hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti Piroojektoonni 179 guutummaatti xumuramuu dubbataniiru.

Piroojektoonni kunneen komii hawaasaa kan deebisanii fi faayidamummaa ummataa kan mirkaneessaan ta’uu eeraniiru.

Piroojektoota hafanis yeroo jedhame keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Injiinar Nabiilaan dubbataniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment