Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Shakkamtoonni daddabarsa warqee, maallaqaafi meeshaalee waraanaa seeraan alaan shakkaman 76 to’atamaniiru jedhe.
Tajaajilichi ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen, Lammiilee biyya alaa fi Itiyoophiyaa yakkichaan shakkaman Finfinnee, Naannoolee Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti to’annoo jala oolu isaaniitu ibsame.
Hordoffii odeeffannoo naamuusa cimaan gaggeeffameen hawaasa waliin ta’uun ragaafi odeeffannoon qindaa’uun shakkamtoonni kunneen to’annaa jala ooluu eereera.
Shakkamtoonni kunneen albuuda warqee seeraan ala oomishuun, dhoksuuniifi daddabarsuun, Birrii Itiyoophiyaa dabalatee maallaqni biyyoota garaagaraa akkasumas meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsuun yakkarratti hirmaachaa akka turan ibseera.
Tajaajilichi Poolisii Federaalaafi qaamolee nageenyaa naannolee waliin ta’uun oppireeshinii addaa gaggeesseen hanga ammaatti lammiilee biyya alaa 45 fi kan biyya keessaa 31 waliigala shakkamtoota 76 to’achuu kaaseera.
Sakatta’iinsa shakkamtoota kanarratti gaggeeffameen oomishaaleen warqeefi faayaaleen kiiloogiraama torbaa ol, meeshaaleen warqee ittiin baqsaniifi madaalan, ‘GPS’ fi keemikaalonni argamuu himeera.
Dabalataanis maallaqni biyyoota garaagaraa; Birrii Itiyoophiyaa miiliyoonni 19 fi kumni 700 ol, Doolaarri kumni 200 fi kumni 85 fi 797, Yuuroo kumni 700 fi kumni 7 fi 910, Dirahaamni 16 fi maallaqni biyyoota biroo akkasumas meeshaalee waraanaa garaagaraa to’atamuu eereera.
Shakkamtoonni kunneen gochaa isaanii kanaaf itti fayyadamaa kan turan baarmeelonni boba’aa baatan hedduun, jenereeteroonni, konkolaattonnii fi paaspoortiiwwan biyyoota garaagaraa, laaptooppiiwwaniifi sanadoonni to’atamuus ibseera.
Gochaan yakkaa kun ta’e jedhamee fooyya’iinsa diinagdee gooroo danquufi qaala’iinsa gatii dabaluun hawaasarratti dhiibbaa uumuun jireenya isaa jeequufi diinagde biyyattii balaarra buusuuf karoorfamee hojjetamaa akka ture tajaajilichi eereera.
Tajaajilichi cancala yakkichaa kutuuf hawaasaa waliin ta’uun hordoffiifi qorannoo dabalataa taasisuun oppireeshinicha itti fufuu ibsuun, hawaasni yakkoota akka kanaa wayita argu eeruu kennuun adeemsa yakkoota qindaa’aa ittisuuf taasifamurratti gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeesseera.
Dabalataanis bulchiinsonni naannolee beekamtii mootummaa federaalaan ala akkasumas eeyyama hojii immigireeshinii seera qabeessa ta’een ala lammii alaa kamiifuu damee hojii akka kanaarratti akka bobba’aniif eeyyama yeroo gabaabaas ta’ee dheeraa kennuu akka hin dandeenye hubachiiseera.
Haaluma Kanaan gochoota yakkaa akka kanaa hordofuun adeemsa yakka kana ittisuuf taasifamu keessatti gahee isaanii akka bahatan yaadachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.