Shakkamtoonni karaa seeraan alaa yakka namoota daddabarsuun shakkaman 150 ol to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) –Duula sadarkaa idil addunyaatti eegalameen guyyoota 6 keessatti shakkamtoonni karaa seeraan alaa yakka namoota daddabarsuun shakkaman 150 ol to’atamaniiru.

Qondaaltoonni Afrikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaa Kibbaa biyyoota 43 keessaa walitti babba’an kumni 15 duula kanarratti kan hirmaataan yoo ta’u, saaxilamtoonni kumni 1 ol adda bahaniiru.

Duulichi yakka gurmaa’aa daddabarsa namootaa seeraan irratti kan xiyyeeffate ta’uu BBCn gabaaseera.

Garichi guddattoota saalqunnamtiif, gochaa yakkaa fi kadhaarratti bobbaasuun itti fayyadamaa turuutu eerame.

Rakkicha qolachuuf duula idil addunyaa eegalameen hanga ammaatti shakkamtoonni 158 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, shakkamtoonni 205  ammoo adda bahuutu himame.

Namoonni gochichaaf saaxilamoo ta’an kumni 1 fi 194 argamaniiru jedhe Interpooliin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment