Shakkamtoonni sharafa alaa irratti shiran 112 to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018(FMC) – Shakkamtoonni karaa qindaa’aa ta’een sharafa alaa irratti shiran 112 to’ataman.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsetti, shirawwan sharafa alaa karaa qindaa’aa ta’een fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche faallaa dhaabbachuun raawwataman irratti bobbiin icitii odeeffannoo gaggeeffamaa ture.

Bobbii qindaa’aa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Tajaajila Nageenya Faayinaansii, Poolisii Federaalaa, qaamolee nageenyaa naannoleefi tumsa hawaasaan geggeeffameen Itiyoophiyaanonniifi shakkamtoonni lammummaa biyyoota garaagaraa qaban 112 to’atamuu tajaajilichi eereera.

Lakkoofsi herregaa baankii gocha seeraan alaa kana waliin hidhata qabaachuun shakkaman 519 akka hin sochoone dhorkamuus ibseera.

Yakkoonni hawaalaawwan seeraan alaa, daddabarsi maallaqaa, sharafa alaa miliqsuu, gibira miliqsuu, maallaqa seeraan alaa seera qabeessa fakkeessuu, diinagdee biyyaa irratti miidhaa guddaa geessisaa turuu akkasumas shororkeessitootaafi garee hidhattootaa deeggaraa turuu ibseera.

Dhaabbilee daddabarsa maallaqaa idil-addunyaa seeraan alaa, appilikeeshinoota daddabarsa sharafa alaa seeraan alaa, appilikeeshinoota Kiriptoo Kaareensii, daddabarsitootaafi faddaaltota hawaalaa seeraan alaa fi al-ergitoota daldala al-ergiifi alaa galu irratti shira raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa cimaan fudhatamuu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment