Shakkamtoonni yakka shororkeessummaan himataman adabbii cimaa hanga waggaa 23 adabaman

Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC) – Shakkamtoonni Godina Harargee Lixaa fi naannawaa isaatti yakka shororkeessummaan himataman adabbii cimaa waggaa1 fi baatii 6 hanga waggaa 23 adabamaniiru.

Poolisii Federaalaatti qajeelchi qorannoo yakkaa waliigalaa namoonni kunneen haleellaa shororkeessummaa raawwachuu isaanii ragaa sanadaa fi namaa dhiyeessuu hordofee Abbaan Alangaa shakkamtoota kanneenirratti himata banee turuu ibsameera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddiin Dirre Dhawaa dhimmicha qorachuun adabbii barsiisaa ta’e murteessuu himameera.

Haaluma kanaan shakkamtoonni 27 adabbii cimaa waggaa 1 fi baatii 6 hanga waggaa 23 itti murteessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment