Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) – Shakkamtoota 28 namoota kuma1 fi 800 ol seeraan al daddabarsuun Birrii biiliyoona 2 ol miidhamtoota dhuunfarraa walitti qabanirratti himanni banameera.
Daayrektoreetiin yakka gurmaa’aa fi daangaa ca’ee Abbaa Alangaa Federaalaa namoota kanneenirratti Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Lidataatti himata kana banuutu ibsame.
Abbaan Alangichaa himata kana kan bane qorannoo sarara Liibiyaan daldaltoota olaanoo dhala namaan daldalaanirratti gaggeeffame bu’uura godhachuuni.
Himatamtoonni dhala namaan daldaluuf yaaduun garee yakkaa gurmeessuun, akkasuma miseensotaa fi hoggansaa garichaa waliin ta’uun yakka kana keessatti hirmaachuu abbaan Alaangaa hubachiiseera.
Namoota saffisaan maallaqa isaan gaafatan kaffaluu dadhaban reebicha suukaneessaa irratti raawwachuun suuraa fi viidiyoo maatiif erguun maatiin saffisaan maallaqa gaafatame akka kaffalan dhiibbaa uumaa turuu isaanitu ibsame.
Adeemsa kanaan Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 100 fi miiliyoona 60 ol miidhamtoota dhuunfarraa walitti qabuu isaanii ragaan Abbaan Alangaa dhiyeesse ni mul’isa.
Maallaqni kun akka biyyaa bahu taasisuu, hojii seeraa alaa kanaan biyya alaa fi biyya keessattis qabeenya dhaabbataa fi socho’aa hedduu horachuu isaanii eerera.
Waliigalaan shakkamtoonni kunneen namoota kuma 1 fi 800 kan imalchiisaan yoo ta’u, eenyummaan namoota 85 adda bahuu hubachiise.
Namoota eenyummaan isaanii adda bahe keessaa lama lubbuun darbuu fi lama ammoo haleellaa cimaa irratti raawwatamee dhibeef saaxilamaniiru.
Namoonni 15 achi buuteen isaanii hin argamne.
Abbaan Alangaas ragaawwan kanneen bu’uura godhachuun shakkamtoota kanneenirratti himata baneera.
Siifan Makonniintu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.