Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Godina Shawaa Kaabaatti lafa waliigala qonna gannaan misoomsuuf karoorfame hektaara kuma 500 fi kuma 90 keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 500 fi kumni 56 ol sanyiin uwwifame jedhe Waajjirri qonnaa godinichaa.
Lafa sanyiin uwwifame keessaa hektaarri kumni 400 fi kumni 21 ol kilaasteeran kan misoome ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Hirphaa Addunyaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Bara kana akka godinichaatti lafti qotamuuf karoorfame hundi qotamuu ibsan obbo Hirphaan.
Lafti hektaarri kumni 100 fi kumni 29 ol Tiraakteraan qotamuu eeran.
Xaa’oo Kuntaalaa kuma 500 fi kuma 10 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kumni 400 fi kumni 29 ol dhiyaachuu dubbatachuun, kan hafe yeroo gabaabaa keessatti dhiyeessuuf Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa waliin hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Keessattuu hanqina gama Xaa’oo Yuuriyaa jedhamuun mudate furuuf hojjechaa jirra jedhan.
Dhiyeessi Sanyi filatamaa caalmaatti guddisuuf Aanaa DabraLibaanoos fi Giraar Jaarsoo keessatti sanyiin Qamadii fi Xaafii baayya’achaa jiraachuus ibsaniiru.
Aanaa Giraar Jaarsootti Xaafiin sanyii filatamaa lafa hektaara kuma 1 fi 350 irratti baay’achaa jira jedhan.
Aanaa Dabra Libaanoosittis Qamadiin sanyii filatamaa baay’achaa akka jiru kaasan.
Bara kana itti fayyadamni Teeknooloojii fi lafa hunda sirnaan qotuun hojii gaariin hojjetamuu obbo Hirphaan himaniiru.
Kilaasteroota moodeelii ta’anii fi ce’uu danda’an 100 ol irratti midhaan faca’uu eeran.
Qonnaan bulaanis Teeknooloojiin walbaruu fi fedhiin itti fayyadamuuf qabu dabalaa dhufuu kaasan.
Yeroo ammaa kunuunsa midhaaniif xiyyeeffannoon addaa kennamee sochiin eegalamuu ibsan.
Hawaasni godinichaa oomisha isaanii sirnaan akka kunuunsan obbo Hirphaan gaafataniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.