Shawaa Kaabatti pirojektootni 311 Birrii biiliyoona 3.5 hojjetaman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Godina Shawaa Kaabatti pirojektootni 311 baajata mootummaafi hirmaannaa uummataa Birrii biiliyoona 3.5 oliin hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’an.

Pireezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiitiin pirojektoota kanneen eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Aanaa Dagamiifi Warra Jaarsootti Piroojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan 8 Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 29 oliin hojjetaman har’a eebbifamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Godinni Shawaa Kaabaa rakkoo nageenyaa keessa taa’ee hojiileen misoomaa garaa garaa hedduu hojjechuu isaa obbo Awwaluun dinqisiifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment