Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)– Sheek Hajii Ibraahim Tufaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ta’uun filamaniiru.
Filannoon Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa bara 2017 guyyaa har’aa xumurameera.
Filannoon Hoji Raawwachiistootaa fi Hundeeffama Mana Marichaas gaggeeffameera.
Haaluma kanaan Sheek Hajii Ibraahim Tufaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ta’uun yoo filaman, Sheek Abduulkarim Badirdiin immoo Dursaa Pireezidaantii itti aanaa ta’uun filamaniiru.
Sheek Juuneeyidi Hamzaa fi Sheek Hamiid Musaa Pireezidaantii itti aantoota Mana Marichaa ta’uun filatamaniiru.
Ustaaz Tamkiin Abdullaahi Immoo Barreessaa Olaanaa ta’uun filamaniiru.
Hojii Raawwachiistonni filataman kunneen Masjiida guddicha Anwaaritti sirna kakuu raawwachuun isaanii eerameera.
Jamaal Ahimaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.