Siidaa Bu’aa tokkummaa, dandamannaa fi Cichoominaa kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifneerra- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Har’a siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaa fi cichoomina biyya kan ta’e, Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruu yemmuu kabajnu, seensa bara haaraarra dhaabbachuu keenya mirkaneeffachaati jedhan Pireezidaantiin Mootumama Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan eebbifamu Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa sababeeffachuun erga dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!

GERD humna elektirikii qofa osoo hintaane, hammatoo hawwii ummataa, birmadummaa biyyaafi dandeettii egeree keenya murteeffachuuti.

GERD humna siidaa ‘tuffii’ diinni nurratti ijaare diigee, faajjii ‘Aduwaa lammeessoo’ dhaloota kanaa ta’uun addunyaa fuldura bara baraan jiraatudha.

Seenaa keessatti, hireen ji’oopolitikaa biyya keenya Itiyoophiyaa, hunda caalaa qaamolee bishaanii laman: Laga Abbayyaafi Galaana Diimaa — kan murtaa’e ture.

Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, jaarraawwan hedduuf Itiyoophiyaan qaamolee bishaanii murteessoo kunniinii akka hinfayyadamneefi hindhaqqabne dhiibbaa walirraa hincinne gochuun qoraa turaniiru.

Laga Abbayyaa yoofudhanne, tooftaalee waraana kallattiifi bakka bu’ummaa baandotaatiin gaggeeffamu dabalatee, biyyoota ollaan waldhabsiisuu, jeequmsa keessoo kakaasuufi hidhachiisuu, pirojektoota murteessoo akka GERD’f liqii ykn gargaarsa dhaabbilee faayinaansii akka hinarganne dammaqinaan socho’uun danqaa turaniiru.

Dabalataanis, amantaa daheeffachuun, keessaa qoqqooduu, bishaan lagachiisuufi dhibaawummaa caasawaa gadi-dhaabuun, hawwii biyyi keenya argama ji’oo-Istiraateejiik kana fayyadamuuf qabdu danqaa turaniiru.

Diinota kanniin, biyya keenya laaffisanii Laga Abbayyaatti akka hinfayyadamne laguu qofti kan isaan quubse hinturre.

Humna ji’oo-Istiraateejiik qaama bishaanii murteessoo keenya isa biraatiin tures nudhabsiisaniiru.

Murnoota hidhannoo jeequmsaafi foxxoqqii hundeessuu, deeggaruufi biyya ‘walabaa’ umuun, Galaana Diimaa irraa nudalleessu danda’aniiru. Badiin caalu ammoo, murni ijoo paartii Itiyoophiyaa bulchaa turee, ulaa galaanaa shiraan dhabne ilaalchisee, gaabbii calaqqisiisuu cubbuu gochuun, kaayyoo diinota tarsiima’oo biyya keenyaa walalchaa turuu isaati.
*****
Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, pirojektiin GERD ifoomuu hordofee, gama tokkoon deeggarsa murnoota jeequmsaatiif taasisan cimsuun ittifufaniiru.

Gama kaaniin, dhiibbaa dippilomaasii idil-addunyaa walirraa hincinne umuun, yoodanda’ame ijaarsicha guutumatti gufachiisuu, ykn waliigaltee dirqisiisoo ittifayyadama GERD darbees mirga keenya gara fuulduraa bishaan irratti qabnu daangessuuf socho’uun xiyyeeffannoo biyya keenyaa bittinneessaa turaniiru.

Gama birootiin, rakkooleen keessoo hoggansaafi gahumsa dhaabbilee ijaarsa irratti hirmaataniin (qulqullina, saamicha, dhimmamuu dhabuufi kkf) walqabatanii akka umaman ta’an, pirojekticha fiixee kufaatii duubatti deebii hinqabnetti dhiibanii turan.

Haata’uutii cichoominni biyyi keenya qormaatilee ji’oo-istiraateejii kunniin keessatti agarsiifte, dhumarratti injifannoo goonfachiisera. Injifannoon duraa jijjiirama madaallii humna ji’oo-politikaa xumuramuu ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiin dhufedha. GERD caasaa nafoo (physical structure) hidha humna elektirikii Afrikaa isa guddicha qofaa miti; fayidaa dinagdeetiin olitti hiika jabaa kan qabuudha.

Bishaan Laga Abbayyaa too’achuun olaantummaa ji’oopolitikaa gama kanaan baroota seenaa hunda keessatti nurraa fudhatamee ture harka keenya kan galchedha.

Shirawwan walxaxoo diinonni keenya nurratti umaniin marfamnee osoo jirruu, waan karoorsine milkeessuuf dandeettii, kutannoofi cichoomina olaanaa qabaachuu keenya kan ragaa bahedha.

Gahumsa hoggansi keenya hudhaaleef furmaata kennuu akkasumas dhiibbaa jalatti raawwachuuf qabu kan itti mirkaneessineedha.

Pirojekticha, guutumaan guututti faayinaansi keenyan uwwisuun, kutannoo ummanni keenya hirkattummaa cabsuun, ofiin ofmisoomsuuf qabu kan mirkaneessedha.

Tuffii diinonni keenya “hindanda’an; waliin hindhaabbatan” jechuun nuuf qabachaa turan kan cabsedha.

Humna keessoo keenya yoosochoofne, raajii akkamii hojjechuu akka dandeenyu egereef barumsa guddaa kan irraa argannedha.

Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, abbaa biyyummaa keenya tiksuuf irree gamtoomen yemmuu dhaabannu, pirojektoota gurguddaa dantaa biyya keenyaa tajaajilan maddisiisuu, karoorsuu, raawwachuufi xumuruu, kanaanis seensa bara haaraa saaquu akka dandeenyu kan mirkaneessedha.
*****
Ji’oopolitikaa gama Laga Abbayyaatiin hawwaa turre akka goonfannu nudandeessisuu keessatti, qaamolee hedduun gahee bahataniiru.

Caasaan nageenyaa keenya ibidda jeequmsaa qabsiifamaa ture lubbuu isaatiin dhaamsaa ture.

Dippiloomaatonni idilee, mit-idileefi midiyaaleen keenya himannaa sobaa “Itoophiyaan bishaan nurraa murte” jechuun diinonni dhaabbileefi hawaasa idil-addunyaa fuulduratti maqaa pirojektichaatiin nurratti gaggeessaa turan saaxiluun, dhiibbaan ture sanarra akka hinhammaanne gargaaraniiru. Biyyoonni michuu sagalee qabaniin nucinaa dhaabbachuun himannaa diinotaa kufaa taasisaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa, rakkoolee keessoofi alaa kunniin fuuldura, yaadaafi gochaan tokkoomee dhaabbachuu akkasumas gumaacha maallaqaa walirraa hincinne taasisuun gahee bakka hinbu’amne bahateera.

Hundaa’ol ammoo, hoggansi tarsiima’oo Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) kennan, pirojektichi fiixee kufaatii gaherraa deebi’ee, akkasumas itti dhiyeenyaan hordofamee injifannoo guyyaa har’aa kana arguuf nudandeessiseera.

Gahee gamtaan bahame kanaaf, maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin galata olaanaa dhiyeessuun barbaada.
*****
Biyyi keenya humna ji’oo-istiraateejii isa biraallee deebifachuuf karaa qabattee jirti.

Muummichi Ministiraa keenya, dhimma qaqqabummaa galaanaa yeroo dheeraaf cubbifamee ture cabsuun, hooggantootafi lammilee keenya akkasumas hawaasa idil-addunyaa biratti marii haaromaa dammaqsaniiru. Inumaayyuu, ulaa galaanaa seeran ala dhabne deebsnee argachuu irratti, yeroo ammaa marii bira tarree, mallattoolee qabatamaa arguutti ceenee jirra.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa milkeessuu cinaatti, ulaa galaanaa argachuun, humna ji’oo-istiraateejii shira keessoofi alaatiin biyya keenya harkaa bahee ture kan deebisuudha.

Kunis, galma biyya humna ji’oopolitikaa naannawichaa, dhiibbaa guddaa geessisuu dandeessufi badhaate ijaaruuf qabnu kan cimsudha. Akkuma GERD, dogoggorri gama kanaan umames, hoggansa murteessaa Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa, Abiyyi Ahimad (PhD) kennaniin sirratee, galmichi yeroo dhiyootti akka milkaa’u shakkii tokko hinqabu.
*****
Ijaarsi kun qabeenya Itiyoophiyaa darbees biyyoota Baha Afrikaa qofa miti.

Qabeenya dinagdeefi miti-kiliyaa Afrikaanota hundaati. Itiyoophiyaan waliin misoomuu malee eenyumaa addatti hubuu hinfeetu.

Dilbii qabnu, hamilee horanne, olka’iinsa lammiilee biyya keenyaafi Afrikaanotaaf malu, akkasumas iddoo gahuu qabnuun walbiratti yemmuu ilaallu, milkaa’inni guyyaa har’aa kabajnu jalqabbii qofa ta’uu ibsuun barbaada.

Dhumarrattis, qooda fudhattoota injifannoo seena qabeessa kanaa hunda irradeebiin galateeffachaa, lammiileefi michuuwwan misooma biyya keenyaa hundaan baga gammaddan!

Baga gammanne! jechuun barbaada.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment