Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Siidaan Copha Hidha Guddicha Haaromsaatti ijaarame Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi Ministira Muumme Baarbaados Miyaa Mootiliin eebbifameera.
Mallattoo copha dhiigaa, dafqaa fi bishaanii kan ta’e Siidaan kun agarsiiftuu mul’ataa fi abjuu Hidha Haaromsaa ta’uun ibsameera.
Siidichi ummanni Itiyoophiyaa hundi Hidhichi akka dhugoomuuf dhiigaa fi dafqa isaanii gumaachuun copha bishaanii faayidaaf oolchuu agarsiisuudha.
#Oromia #Ethiopia