Sirna bulchiinsa lafaa waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa waliin walitti hidhuuf hojjetamaa jira- Ministeericha

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Sirna bulchiinsa lafaa waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa dhiyeessii liqii qonnaan bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.

Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Buttaajiraatti sosochiin eegalchiisuu galmee waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa qonnaan bultootaa gaggeeffameera.

Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Bulchiinsaafi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Tigistuu Gabramasaqal wayita kana tajaajila waraqaa eenyummaa diijitaalaa qonnaan bulaan biraan gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Haaluma Kanaan qonnaan bultootaaf dhiyeessii liqii mijeessuuf tajaajilli waraqaa eenyummaa diijitaalaa eegalamuu kaasaniiru.

Sirna odeeffannoo bulchiinsa lafaa biyyaalessaan aanaalee 516 keessatti ooyiruun miiliyoonni 32 ol galmaa’uufi waraqaan ragaa abbummaa lafaa kennamuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan hanga lafaafi qabeenya galmeessiseen liqii argachuuf waraqaan eenyummaa diijitaalaa Faayidaan akka barbaachisu eeraniiru.

Ministeerichi baatiiwwan sadan dhufanitti kutaalee hawaasaa damee qonnaarratti bobba’an miiliyoona 12 fayyadamoo waraqaa eenyummaa diijitaalaa gochuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Waajjira Ministira Muummeetti Qindeessaa Olaanaan Galmeessa Waraqaa Diijitaalaa Biyyaalessaa Dajanee Gabree gama isaaniin, waraqaa eenyummaa diijitaalaa guutummaatti waliingahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment