Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Sirna dhiheessii boba’a idileetti haga deebinutti boba’aa qusannaan fayyadamuu qabna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, yeroo ammaa sababa muddama Baha Giddugaleessatti uumameen, biyya keenya dabalatee biyyoonni boba’aa bitanii fayyadaman dhiheessii akka barbaadanitti argachuuf rakkataniiru jedhan.
Rakkichi furamee gara sirna dhiheessii boba’a idileetti haga deebinutti boba’aa qusannaan fayyadamuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Jiraattonni magaalichaa karaalee gaggabaaboo miilaan deemuun, akkasumas filannoowwan biskileetii fi konkolaattota elektirikii fayyadamuun akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia