Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Reeffi Hajii Muftii Umar Idiriis mana jireenyaa isaanii gara Masjiida Nuuritti gaggeeffamaa jira.
Sagantaa gaggeessaa kanarratti Ulaamaawwan, Darasoonni, Ustaazonni, kutaaleen Hawaasaa fi firoottan isaanii argamaniiru.
Yeroo muraasa booda sa’aatii 6:00 irraa eegalee sirni Solaataa Masjiida Nuur naannawaa Birbirsa Goorootti argamutti erga raawwatee booda sa’aatii 8:00 jalqabaa Galma Barkumeetti bakka hoggantoonni Olaanoon mootummaa argamanitti sirni gaggeeddaa kabajaa ni gaggeeffama.
Sirni awwaalcha isaanii Naannawaa Hayilee Gaarmanti jedhame Buufata Kuduraa fi Muduraa Haaraa gadi mooraa Masjiida isaan Qura’aana itti barsiisaa turan keessatti kan raawwatu ta’uutu ibsame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.