Sirna haqaa cimsuuf qindoominni dhaabbilee raawwachiistota haqaa murteessaadha

Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC )- Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teewoodiroos Mihirat sirna haqaa cimsuuf qindoominni dhaabbilee raawwachiistota haqaa murteessaadha jedhan.

Yaa’iin Waloo Komishinaroota Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaafi Naannolee 19ffaan mata duree” Manneen Amala Sirreessaa Yaadama Haaraan Gara Boqonnaa Haaraatti” jedhuun Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Obbo Teewoodiroos yaa’icharratti akka jedhanitti, rakkoolee sirna haqaa furuuf hojimaanni qindaa’aan akka barbaachisu hubachiisan.

Dhaabbileen qindoomina isaanii cimsuun hojiilee isaanii hojjechuu qabu jedhan.

Komishinarri Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaa Yanuus Muluun gamasaaniin, manneen amala sirreessaa bakka sirreeffamtoonni seeraa itti  sirreeffaman akka ta’aniif hojiileen riifoormii hedduun hojjetamaniiru jedhan.

Kana bu’aa qabeessa gochuuf qaamoleen qooda fudhattootaa hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Uumuud Ujuluun, damee haqaaf mootummaan xiyyeeffannoo kennuufi manneen amala sirreessaa keessatti qabiinsi  mirga namoomaa fooyya’uu kaasaniiru.

Sirreeffamtoota seeraa sirreessuun lammii gaarii akka ta’aniif hojii hedduun hojjetamus hojiileen hafan jiru jedhan.

Siisaay Warquutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment