Finfinnee, Hagayya 19, 2017(FMC)- Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan biyyoonni Afrikaa hundi sirna madaallii barnootaa badhaadhina fidu danda’u diriirsuu qabu jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan Konfiransii waggaa Gamtaa Madaallii Barnootaa Afrikaa 41ffaa irratti akka jedhanitti, barnoonni bu’uura kabajaafi badhaadhinaati.
Egeree daa’imman hundi itti barachuu danda’an uumamuu akka qabu kaasanii, qulqullinni barnootaa hunda bira gahuu akka qabus hubachiisaniiru.
Kaayyoon konfiransichaas qulqullinaafi waliingahiinsa barnootaa cimsuuf akka ta’e kaasan.
Madaalliin meeshaa barnoonni ittiin deeggaramu qofa osoo hin taane eessa akka geenyee fi daandii irra imallu kan nutti argisiisudha jedhan.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun riifoormii barnootaa taasisaa jiraachuu yaadachiisuun, barataan kamiyyuu barnoota qulqullina qabu akka argatuuf hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.
Konfiransichi muuxannoon kan itti qooddatamu akkasumas kalaqaafi qorannoowwan qooddachuun yaadonni gara sadarkaa olaanaatti kan cehan akka ta’u hubachiisaniiru.
Madaallii barnootaa ilaalchisees daandii Itiyoophiyaan filatte sirna madaallii walitti fufiinsa qabuufi beekumsaan hogganamu ta’uu kaasanii, haqaafi faayidaa qabeessa akka ta’uuf’karoorsinee hojjenneerra jedhan.
Sirni barattoonni ittiin gahooman diriiruu kan ibsan obbo Tamasgeen Xurunaan, hammattoon madaallii barnootaa ardii diriiruun hojimaata ardii walfakkaataa mirkaneessuuf riqicha ta’a jedhan.
Hojimaanni ardii walfakkaataan sosochii barattootaafi barsiisotaa kan salphisu ta’uus dubbataniiru.
Kana malees dorgommiin heddummina isaa eeggate akka jiraatu kan taasisu ta’uu eeruun, beekumsa xabboo eeguuf, sirna barnootaa addaa hojiirra oolchuu fi mul’ata diinagdee keenyaa milkeessuuf nu gargaara jedhan.
Layikuun Alamtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.