Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Sirni addunyaa haqa qabeessi hammataa fi hirmaannaa biyyoota guddachaa jiran mirkaneessu akka jiraatuuf tumsaan hojjenna jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Pireezidaant Taayyeen walga’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa 7ffaa Angoolaa Magaalaa Luwaandaatti gaggeeffamaa jirurratti haasawa taasisaniin, Sirni addunyaa haqa qabeessi hirmaannaa biyyoota guddachaa jiran mirkaneessu akka jiraatuuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaan tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessan.
Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbii fi hiikaa qabu qabaachuu akka qabdu hubachiisan.
Sirni Faayinaansii hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e jiraachuu qaba jechuun yaadachiisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.