Finfinnee, Amajjii 10, 2018 (FMC)_ Sirni Awwaalchaa Artiisti Natsaannat Warqinaa Bataskaana Sillasee Kaateediraalitti raawwateera.
Sirna awwaalchaa kanarratti Qondaaltoonni olaanoo Mootummaa, maatiin og-aartii, dinqisifattoonni akkasumaas maatii fi firoottan argamaniiru.
Artiisti Natsaannat Warqinaa dhibee irra buleen Amajjii 8, 2018 du’aan boqochuun ni yaadatama.
Artiisti Natsaannat Warqinaa qopheessa sagantaa Teeleevizhinii, Qopheessaa fi barreessaa Fiilmii, Taatoo fi hojiilee aartii hedduun beekama.
Artistii Natsaannat hojii fiilmii fi tiyaatiraan nama baay’ee jalatamaa tureedha.
Artiisti Natsaannat Abbaa Ijoolee sadii ture.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.