Sirni awwaalchaa Hajii Muftii Umar Idiriis raawwate

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriis raawwateera.

Ulaamoonni, Daraasonni, Ustaazonni,Aanga’oonni Mootummaa, maatii fi hawaasni Musliimaa bal’aan bakka argamanitti akkaataa duudhaa amantichaa hordofeen raawwateera.

Hajii Muftii Umar Idiriis bara 2010 hanga bara 2014tti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa, akkasumas eegaa olaanaa Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Hajii Muftii Umar Idiriis dhaloota biyya jaalatu horachuu fi aadaa Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti nama qooda olaanaa bahataa turaniidha.

Geetaasaw Yeshawaastu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment