Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Sirni awwaalchaa Ministira Muummee duraanii fi gameessa siyaasaa Keeniyaa Raayilaa Odiingaa raawwateera.
Lammiileen Keeniyaa hedduun Istaadiyeemii Biyyaalessaa Naayiroobiitti argamuun gadda isaanii ibsataniiru.
Lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaawwaman alaabaa Keeniyaa fi uffata suuraa gameessichaa qabu uffachuun kabajaa fi jaalala isaaf qaban addabaabayitti agarsiisaniiru.
Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa, Dippiloomaatoonni, maatii, qaamoleen siyaasaa fi lammiileen Keeniyaa sirna awwaalchichaarratti argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.