Sirni Awwalchaa Obbo Abdurrahmaan Ruubee raawwate

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Sirni Awwalchaa Hojii Raawwachiisaa itti aanaa Korpooreeshinii Biroodkaasti Itiyoophiyaa (EBC) kan turan Obbo Abdurrahmaan Ruubee raawwwateera.

Obbo Abdurrahmaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Abdurrahmaan sadarkaa riipoortaraa hanga itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.

Keessattuu OBN fi EBC tti riipoortaraa hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.

Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii turan.

Guyyaa har’aa Sirni awwalcha isaanii bakka awwalcha Muslimootaa Kolfeetti raawwatameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment